[go: nahoru, domu]

Jump to content

Dhaabsirroo

Wikipedia irraa
Sararri AB sarara CD'f dhaabsirroodha. Sababni isaas kofooni (halluuwwan burtukaanaa fi cuquliisaa) sarara ABn uumaman digrii 90 waan ta’aniif.

Sararoonni lama dhaabsirroo kan jedhamanYoo sararootni qajeeloon walqaxxaamuran lama kofoota maddii walitti galoo yoo uuman , Kanaafuu sararri AB sarara CD tuqaa A irratti dhaabsirroo dha. Sararri tokkoo fi dirrii tokko, ykn dirroonnii lama walii dhaabsirroo ta'uu danda’u.

Yoo sararri tokko sarara biraa waliin dhaabsirroo ta’e, kofni walqaxxaamuraa sararoota lamaaniin uumaman π /2 raadiyaanii(wiifkofa) ykn 90 ° dha. Himni kun yeroo naanneffamu sararri tokko yk dirri tokko walfaana kofa digirii 90 yoo uuman dhaabsirroo ta’u.

Yoo sararoonni lama dhaabsirroo ta’an, mallattoo herregaatiin akka: Akkaa itti anuutti bakka bu’u AB CD. Mallattoo dhaabsirroo ta'uudha.